Luke 24:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni waan worraani jed'e, Tunini dubbi tiyya ta anini isaniini jed'e, ato isani woliini jiru; wonti ti kiyya ta kitaaba Seera Musatifi ka raagootatiifi ka Faaru keesati t'aafani ch'ufti guutamu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba innii warraan, “Tunin dubbii tiyya ta anin adoo isan waliin jiruu, wantii kiyya ta kitaaba seera Musee, ka raagootaatii fi ka Faaruu keessatti barreessaniilleen cuftii guutamuu malte jedhee isanitti hime” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfanna'aa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Isin woliin yeroo turetti seera Muse'ee kennameen, kitaabban nabiyyootaatii fi kitaabban faaru'uu keessatti waayee kiyyaaf ka barreeffame marrinuu raawwatamuu qaba jedhee, dubbiin isinitti hime kana» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe.