Luke 24:49 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kunoo, waan Abbaan kiyya addi isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilaala, waan Abbaani kiyya isaniti kakhate anati isanii erga, ammo dira keesati eega, haga jabeenni gubba isanii gad'ufuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kunoo, waan Abbaan kiyya isan abdachiisee anin isanii ergaa; ammoo haga jabeennii gubbaa isanii gadhufuutti dira keessatti eegaa” warran jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammo haga hunna olii argattanitti qachaa Yerusaalemii keessaa hin bayinaa'a» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammoo haga hunna olii argattanitti qachaa Yeruusaaleemii keessaa hin bayi'naa'a» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo! Ani abddii Abbaan kiyya isiniif kenne isinii ni erga, isin'llee olii huminna akka uffataa titti haga uffattanitti, magaalaa Yerusaalemii titti turaa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, waan Abbaan kiyya addii isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a» jedhe.