Luke 3:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Loltooti gariin, “Nuuti hore? Maan goona?” jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, “Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keesssan isiniif gewuu ti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartileeni waan jette, Nu ammo maal tolchu malle? Inni waan jed'eeni, Nama tokole irreeni yokhaani kara d'aratiini hori ira imfud'atiina; ammo hori isani kennanii sifefad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waranaalleen, “Nu ammoo maal tolchuu malle?” jedhe. Innii, “Horuma isanii kennan sifeefadhaa malee nama tokkoollee irreen yokaan karaa dharaatiin horii irraa hinfudhatinaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Inni isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a; eennuunillee sobaan hin himatinaa'a; mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Innillee isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a, eennuunillee dharaan hin himatinaa'a, mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lolttoonni'llee dhufanii, «Nu'u hoo maal haa taasfnnu» ni jedhaniin, Inni'llee, «Qabeenna namaa akka male'een saamittanii hin fudhatinaa, eennuun'llee dharaan hin himatinaanii, mindaan keessan isin haa gayu» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keessan isiniif gewuu ti» jedhe.