Luke 3:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, “Yohaannis Masiihii te'innaa?” jettee mante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato biyyiti waan d'ufa eedde waan Yohana heredde Kristo isa seetu,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii adoo waan dhufaa eedduu, “Yoh. aannisii kunuu Kiristoo ta'iinnaa badaa” jettee garaatti herredde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu gumiin isa eega'aaru isaan martinuu garaa ufii keessatti, «Yohaannisiin kun Kiristoosiin ta'innaa?» jedha'aa yaada'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu gumiin isa eega'aaru, isaan martinuu garaa ufii keessatti, «Yohaannisiin kun Kiristoosiin ta'innaa?» jedha'aa yaada'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bara sanitti ummanni marrinuu dhufaatii Masihichaa abddi'iin ni eeggata ture, kanaaf Yohaannisiin, «Naminni kun yookiin Masihicha ta'aa laata?» jedha'aa, onnee isaanii titti ni yaadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii te'innaa?» jettee mante.