Luke 3:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis, “Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka ana caalu ammoo ana duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
inni waan worra ch'ufaani jed'e, D'uguma anini bisaaniini isani batisa, ammo nama nara gudda tokoti d'ufa ka seemsa kope isaa anini hiikhu himmalini. Inni Lubbu Qulqulloofi ibidaani isani batisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii warra cufaan, “Dhugumaa anin bisaaniin isan cuupha, ammoo nama narra jiruu tokkootti dhufa ka seemsaa kophee isaallee anin hiikuu hinmaliin. Innii Hafuura Qulqulloo fi ibiddaan isan cuupha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haa ta'uu ammo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haata'uu ammoo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uuf ibiddaan isin cuupha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannis garuu isaan maraanuu akkana ni jedhe, «Ani bishaaniin isin ni cuupha, garuu ka bira'aa ka ana irra jabaa ta'e ni dhufa, ani hidhaanuma kophee isaa'llee hiiku'uuf ka gayee miti, inni Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka na caalu ammoo na duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha.