Luke 3:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hafare harkaa qaba, aka fulla dargaye iti hafarsani qulqulleese dargaye khod'oti galfatu; ammo qoola isii fulla ibidi ind'aamneti guba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii hafaree harkaa qaba, akka fulaa dargaayyee itti hafarsan qulqulleessee dargaayyee kodhootti galfatu; qola isii ammoo fulaa ibidda hindhamneetti guba” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mashiinillee harka isaa keessa jira. Ooyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammo ibidda hin dhaamnetti guba» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Manshiinillee harka isaa keessa jira. Oyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammoo ibidda hin dhaamnetti gata» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee ooddii irratti midhaan ibbiqiin adda baasu'uuf manshii harka isaa titti qabatee jira, eega qulqulleesseen duubatti'llee midhaan mishaa gootaraa isaa titti ni galcha, ibbiqiin isaa garuu ibidda hin dhaaminneen ni guba.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe.