Luke 3:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanni Woyyichi bifa saphaliisaatiin dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, “Ati Ilma kiyya jaallatama'a. Ani si'itti gammadeera” qoonqoon jettu dhage'ante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni Qulqullooni ta bifa sabaliisa qabdu isa ira buute, qonqooni gubba d'ufte waan jette, Atini Ilma kiyya, ka anini jaalad'u, guddo na gammachiifta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii Qulqulloon ka bifa sabaliisaa qabu isa irra bu'ee, qoonqoon Waaqaa gubbaa dhuftee, “Atin ilma kiyya, ka anin jaaladhu, guddoo na gammachiifta” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanni Woyyuun akka bifa qaamaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Yoma san laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i; ani si'iin gammada» jedhu samii irraa dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hafuurri Qulqulluun'llee fakkeenna handari'iitiin dhufee isaa irratti ni bu'e, Yeroma sanitti «Ati ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi, sitti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama'a. Ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.