Luke 3:4 — Compare Translations
5 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, “Nami tokko goomolee keessatti, ‘Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma kitaaba raaga Isaya keesati t'aafani: Qonqooni nama lafa alooti iyu waan jettu: Kara Aabbo mid'aasa, daandi isaa qajeelcha!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma kitaaba raaga Isaayaasii keessatti barreessanii, “Qoonqoon nama lafa gammoojjii keessaa iyyuu, ‘Karaa Aabboo midhaassaa, daandii isaa qajeelchaa!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'ee, nabiyyichi Isaayaas waayee Yohaannisiitiif durssee, akkana jechu'uun akkaatama barreesseen, «Kunoo! Kun gammoojji'itti akkana jedha'aa qoonqqa nama iyyuuti, ‹karaa Goofta'aa qopheessaa! xurree'llee sirreessaa!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!