Luke 3:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, “Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yohanani waan gumi batifamu d'ufteeni jed'e, Isani ilmaani bofa! Eentu aka dalansu d'uftu duraa baqattani isaniti hime?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannis gumii cuuphamuuf gara isaa dhufte gorsee, “Isan ilmaan bofaa-buutii! Eentuu akka isan dallansuu dhuftu duraa baqattan isanitti hime?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamu'uuf dhufaniin akkana jedhe, «Isin ijoollee bofaa! dheekkamsa dhufa'aaru jalaa akka baqattan eentu isinitti hime?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamu'uuf dhufaniin akkana jedhe, «Isin ijoollee bofaa! lola dhufa'aaru jalaa akka baqattan eentu isinitti hime?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Cuuphamu'uuf gara isaa ka dhufan ummata baayi'een Yohaannis akkana ni jedhaan ture, «Isin ilmaan bofa summi'ii! Dheekkamissa dhufu ka Waaqaa jalaa akka baataniif, eennutu ufi isin eeggachiise?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?