Luke 3:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhissu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Huji nami daba iraa deebiu tolchu tolcha. Abbaani keenna Abrahamu ufiini injed'ina. Waan anini jed'u, Waaqi d'akha kana keesa ilmaani Abrahamu mid'aasu indandaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hujjii namii cubbuu irraa deebi'e hojjatu hojjadhaa malee, ‘Abbaan keenna Abrahaam’ ufiin hinjedhinaa. Waaqii dhakaa kana keessaa ilmaan Abrahaamii kaasuu danda'aa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu cubbuu irraa deebi'aa'a, waan mishaa hojjadhaa'a, Eegasuu abbaan keenna Abrahaam hin jedhinaa'a, Rabbii dhagaa kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee taasisuu waan danda'uuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu cubbuu irraa deebi'aa'a, waan mishaa hojjadhaa'a, Eegasuu abbaan keenna Abirahaam hin jedhinaa'a, Rabbii dhagaa kanniin keessaa Abirahaamiif ijoollee taasisuu waan danda'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana irra gara Waaqaa deebi'uu keessan hujii muldhisu hojjadhaa malee, nu'u ijoollee Abrahaamiiti jedha'aa onnee keessantti hin dhaadatinaa. Waaqinni dhagaayyii kanniin keessaa Abraahaamiif ijoollee kaasuu akka danda'u, isinitti ni hima.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.