Luke 4:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni manoota waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni achiti maneeni Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise; nami ch'ufti isa guddise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii achitti manneen waldeennaa keessatti nama barsiisee; namii cuftii isa saade.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa ture; namni maruu isa jaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisaa ture, namni maruu isa jaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakka woligayii isaanii titti'llee ni barsiisa ture, marinuu barsiisa isaatiin ni galateefataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.