Luke 4:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni Nazareti fulla inni iti guddate d'ufe, guyya Sabato Mana Waaqa iti kad'atani d'aqe akuma aada isaa, olejate dubbi Waaqaa soome.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus Naazireet fulaa itti guddate dhufee, akkuma amala isaa guyyaa Sanbataa mana waldeennaa dhaqee, olejjee dubbii Waaqaa dubbise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni gara biyya itti guddatee gara Naazireetii dhaqee akkuma aada'aatitti guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa seenee kitaaba dubbisu'uuf ka'ee dhaabate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee gara biyya itti guddatee gara Naazireetii dhaqee, akkuma aada'aatitti guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa seenee kitaaba dubbisu'uuf ka'ee dhaabate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti'llee Yesus gara biyya itti guddatee gara Naazireetii ni deeme, akkuma aadaa isaa'llee guyyaa Sanbbataatiin gara bakka wolgayii isaanii ni aseene, kitaabcha dubbisu'uuf'llee ni ka'e,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e,