Luke 4:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf ana muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Hafuurii Aabboo na gubbaa jira; akka anin oduu dansaa hiyyeeyiitti himu innii ya na muude. Akka warra hidhaniitti waan hiikaansaa himu; akka ballaalleen lafa argu; akka warra gaargalchan gaargala keessaa baasu;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Dubbii Gammachu'uu akka himuuf na muudeera; worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ijaan hin argine akka argan haa godhu'uuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Hafuurri Goofta'aa ana irra ni jira, oduu mishaa hiyyeesota titti akka lallabu, ana muudee jira, worra hidhamaniif hiikkamuu, worra jaamaniif arggiinssa, akka labissuu fi worra sarddaman'llee bilisa akka baasuuf ana ergee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera. Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf,