Luke 4:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni kitaaba ch'umnaani nama eeguti kenne tae. Nami ch'ufti ka Mana Waaqa kaani keesa jiru ila isati qabe isa ilaale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus kitaaba cufee nama mana waldeennaa sun eeguutti kennee taa'e. Namii mana waldeennaa kaan keessa jiru cuftii ila isaatti qabee isa laale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee kitaaba san maree tajaajila'atti deebisee kennee taa'e; worri mana sagada Yihuudotaa san keessa turan maruu xiinxallanii isa laala'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee Kitaaba san maree, tajaajila'atti deebisee kennee taa'e, worri mana sagada Yihuudotaa san keessa turan maruu xiinxallanii isa laala'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus kitaabcha wolitti cabbisee keessummeessa'atti kenneeti ni taa'e, worri bakka wolgayii isaanii turan marrinuu, guuttatanii gara isaa laaluu jala ni qaban,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte.