Luke 4:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaaniin, “Isin dhugumaan mammaassa, ‘Cidheessa, dursii ifi fayyis!’ jedhu anatti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worraani jed'e, Isani sila mammaasa kana naani jettani, Ch'ireesa, qara ufi fayyisi. Ammalle, waan atini dira Kapernaumuti tolchite ta nu d'ageenne, armaleti tolchi, lafa tante keesati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo warraan, “Isan silaafuu mammaassa kana natti mammaattaniitti, ‘Ee cirreessa, qara ufi fayyisii, waan lafa Qifirnaahomitti tolchitte ta nu dhageenne sun akkasuma arma lafa tantee keessaalleetti tolchi’ naan jettan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifirnaahoomittillee akkuma waa hojjachuu kee dhageenne san as biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifiranaahomittillee waa hojjachuu kee akkuma dhageenne san asi biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus akkana isaaniin ni jedhe, « ‹Ati ogeessa fayya'aa nana, mee mataa kee fayyisi› fakkeenna jedhu, akka naaf tuxxan sirri'itti beeka, akkuma kana, ‹Qifrnaahoomtti raawwattee jirta yoo jedhan ka dhageenne mara biyya keetitti raawwadhu!› naan ni jettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe.