Luke 4:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatiitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo d'uguma waan anini isaniini jed'u, Nad'eeni d'iirsi iraa due hedduti lafa Israeli keesa jira bara Eliya, ka bokeeni ganna sadifi jia jaa oole, beelti guddooni lafa ch'ufa d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara Eliyaas, ka bokkeennii ganna sadii fi ji'a ja'a oolee, beeltii guddoon lafa cufaa dhuftee, lafa Israa'el keessa nadheen dhiirsii irraa du'e hedduutti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugamaan isiniin jedha, bara Eeliyaasii raattichaatitti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobni caamee, hennaa beelli jabaan biyya maraa irratti bu'e, biyya Israa'elii keessatti haati hiyyeeyyi'ii heddutu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dhugamaan isiniin jedha, bara Eeliyaasii raattichaatitti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobni caamee, beelli jabaan biyya maraa irratti hennaa bu'e, Biyya Isiraa'elii keessatti haati hiyyeeyyi'ii heddutu ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ana dhageeffadhaa dhugaa jiru isinitti haa himuu, bara nabiyyicha Eliyaasii titti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobnni roobuu dhabuu isaatiin, biyya marattuu beelli cimaan ta'ee ture, yeroo san biyya Israa'eelii titti abbaan worraa isaanii ka irraa du'an dubarttoonni baayi'een, ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti.