Luke 4:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Eliya nama d'ibiti inergine, niiti d'iirsa inqamne toko ta olla Sarepta lafa Sidoni male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eliyaas ammoo, niitii dhiirsa hinqamnee takka ta ollaa Saraaphtaa, ta lafa Sidoon keessa jirtu malee, nama tokkoolleetti hinergamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Eeliyaas gara Saraphta'aa biyya Siidonaa keessa jirtuutii gara hiyyeettii takkaa malee, gara taawwanii hin ergamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Eeliyaasi gara Saraphta'aa biyya Siidonaa keessa jirtuutii gara hiyyeettii takkaa deeme malee, gara taawwanii hin ergamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Eliyaas, biyya Sidoonaa ganda Saraaphitaa jedhamtuu titti gara ta argamittuu, gara dubarttii abbaan worraa isi'ii jalaa du'e takkaa ergamee deeme malee, gara bira'aa gara eennuu'llee, hin ergaminne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne.