Luke 4:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kakaani dira keesaa isa gussani, gara gaara dira isaani gubba jaarani isa geesani, aka sila fiit'e gaara iraa isa darbatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ka'anii dira keessaa isa gussanii, gara gaara dira isaanii gubbaa jaaranii isa geessan, akka silaa fiixee gaaraa irraa darbatan,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan gaara irraa isa darbu'uuf gara gaara qachaan sun irratti hojjatamtee qachaa keessaa isa baasanii gara ededaa isa fidan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee gaara irraa isa darbu'uuf gara gaara qachaan sun irratti hojjatamtee qachaa keessaa isa baasanii gara ededaa isa fidan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka'anii'llee Yesusiin harkisanii magaala'aan ala ni baasaniin, gara qile'ee'llee dhiibanii darbbu'uunii barbaadanii, gara tulluu magaalaan isaanii itti ijaaramttee, maddii irra ni fidaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane.