Luke 4:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ayyaana hama'aan, “Cadhisi! Keessalle'ee bayi!” jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni dubbachu isa d'owe waan jed'eeni, Ch'allisi, isa keesaa bahi. Jennaani jinniini jiddu biyyati namicha kaani lafaani d'oofte, laanatu, ka isa ind'ukubsiinu, isa keesaa baate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo isa dubbachuu dhowee, “Callisii, isa keessaa ba'i!” jedheen. Jennaan jinniin taan jidduu biyyatti namicha kaan lafaan dhooftee adoo waan tokkoollee isa hindhukkubsinuu, keessaa baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! isa keessaa bayi!» jedhee isa teedeffate. Seexannillee isaan jiddu'utti isa kuffisee uduu namicha hin miine isa keessaa baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! isa keessaa bayi!» jedhee isa teedeffate. Seexannillee isaan jiddutti isa kuffisee uduu namicha hin miine isa keessaa baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee hafuura batti'iin, «Caldhisii isa keessaa bayi!» jechu'uun, itti ni baanate, hafuura battiin'llee namicha ummata duranatti kuffiseeniiti uduu womaa hin miidhiniin, ni baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! Keessalle'ee bayi!» jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.