Luke 4:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni Mana Waaqa keesaa bahe mana Simoni seene. Haati niiti Simoni qanno qabdi, waan isii Yesoti himani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus mana waldeennaa keessaa ba'ee mana Simoon seenee; haatii niitii Simoon qandhoo qabdii, jennaan waan isii Yesusiitti himan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana sagada Yihuudotaatii ka'ee gara mana Simoonii seene. Hennaa san soddaatiin Simoonii waan dhukkuba oo'aatiin dhukkubsattee turteef, isaan akka inni isii fayyisu isa kadhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana sagada Yihuudotaatii ka'ee gara mana Simoonii seene. Hennaa san soddaatiin Simoonii dhukkuba oo'aatiin dhukkubsattee waan turteef, isaanillee akka inni isii fayyisu isa kadhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee bakka woligayii isaanii sanii ka'ee gara mana Simoonii ni deeme, achitti'llee sodaatiin Simoonii dhukkuba oo'a qaamaatiin haalaan dhukubbisattee ciifttee turtte, kanaaf akka isii fayyisuu Yesusiin ni kadhataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane.