Luke 4:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Yesuus itti dhi'aatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni isi bira eje, Qanno iraa gali jennaani, qannooni taani iraa galte; jennaani hojuma suni kaate worra gololchite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isii bira ejjee, “Qandhoo irraa gal!” jedhee jennaan, qandhoon taan irraa galtee, isiin yoma sun kaatee warra gololchite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni yoosuu dhibee san teedeffate. Dhibeen hennama san isii dhiisee. Isiin ol kaatee isaan tajaajilte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee yoosuu dhibee san teedeffate. Dhibeen hennama san isii dhiisee. Isiinillee ol kaatee isaan tajaajilte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee gara isi'ii dhiyaatee isii bira dhaabateeti akka oo'i qaamaa isii gad dhiisuuf ni ajaje, oo'i qaamaa'llee gad ni dhiiseen, bakkumatti kaatee isaan keessummeesuu jala qabdde.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte.