Luke 4:40 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galgala suni eegi aduuni d'iite, nama fayyad'abe ch'ufa isaatiini d'ufani. Inni nama ch'ufa harka ira kaye fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Galgala sun eegii aduun dhiite, nama fayyadhabee dhukkuba gosa gosaatiin gaargalaa ture, cufa isaattiin dhufanii, innii harka irra kaa'ee fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa aduun dhiite dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman maraa gara isaa fidan. Inni tokko tokko isaanii harka ufii isaan irra kaayee isaan fayyise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa aduun dhiite dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman maraa gara isaa fidan. Innillee tokko tokko isaanii harka ufii isaan irra kaayee isaan fayyise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Aduun yoo aseenttu namoonni dhibee adda addaatiin namoota qabaman dhukkubsattoota mara gara Yesusii ni fidan, inni'llee tokko tokkoon isaanii irra harka isaa kaayu'uun, isaan ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise.