Luke 4:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Durriisotille Yesuusiin, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jinnileeni nama heddu keesaa yaate, qonqo guddooni lalabde waan jette, Atini Ilma Waaqaati. Yesoni isi dubbachu d'owe, maro isiini aka inni Kristo beetuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jinniilleen waan akka innii Kiristoo ta'e beettuuf qoonqoo guddoon iyyitee, “Atin Ilma Waaqaa” jechaa nama hedduu keessaa yaate. Innii ammoo “Callis!” jedhee isii dubbachuu dhowe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jinniin ammo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota heddu keessaa iyya'aa bayan. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka hin dubbanne isaan dhoogge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jinniin ammoo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota hedduu keessaa iyya'aa bayani. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka isaan hin dubbanne isaan dhoogge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jinniiwwan'llee, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa iyyu'uun, namoota baayi'ee gad dhiisa'aa ni bayan ture, inni Masihicha ta'uu isaa'llee beekaniinii turan. Yesus garuu waayee isaa womaayuu akka hin dubbanneef isaanitti baanachu'uun, isaan ni dhoogga ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Durriisotille Yesuusiin, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.