Luke 5:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus harka ifii diriifatee, isa qabee, “Hin fedha fayyi” jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni harka d'eerefate isa tuqe waan jed'eeni, Imfed'a, qulqullai. Maro tokotu qomaat'aani iraa badde.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus harka dheereffatee isa tuqee, “infedhaa qulqulla'i” jedheenii yoma tokkoon qomaaxaan irraa badde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee harka ufii hiixatee isa qaqqabeenii, «Hin fedhaa fayyi» jedheen. Yoma san dhibeen gogaa kukkutu sun irraa bade.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee harka ufii hiixatee isa qaqqabeeniiti, «Hin fedhaa fayyi» jedheen. Yoma san dhibeen gogaa kukkutu sun irraa bade.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee harka isaa hiixatee qaqabeeniiti, «Eeyyamee jiraa fayyi!» jedheen. Namichi'llee bakkumatti waashayinna isaa irraa ni fayye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise.