Luke 5:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus namichaan, “Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!” jedhee seere.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, nama tokoleti inhimini, ammo d'aqi qaallicha ufi garsiisi, duuba aka aada Seera Musa gula sorio qali akasiini aka qulqullofte nama ch'ufa garsiisi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Nama tokkoolleetti hinhimiinii, ammoo dhaqii qaallicha ufi garsiis, duuba akka aadaa seera Musee gula sooriyoo qalii akkasiin akka qulqulloofte nama cufa garsiis” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haa ta'uu ammo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf fayyuu keetiif ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf, fayyuu keetiif, ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yesus akkana jechu'uun ni ajajeen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu qajeelii deemiitii mataa kee qeesichatti mulidhis, ummataaf'llee ragaa akka ta'uuf, waayee fayyuu keetiitiif kitimaa Museen ajaje dhiyeessi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee seere.