Luke 5:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo gurri isaa haga qarale ira lafa ch'ufa gahe; gumiini guddooni aka isa ch'aqaftufi aka d'ukuba fayyitu d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gurrii isaa ammoo haga qaraallee irra lafa cufa ga'ee, gumiin guddoon akka isa caqaftuu fi akka dhukkuba fayyituu gara isaa dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Oduun ammo guddisee dhagayame; baniin heddu isa dhagayu'uuf, dhibee irraallee fayyu'uuf isa biratti wol gaya'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Oduun ammoo guddisee dhagayame, baniin heddu isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraallee fayyu'uuf isa biratti wolgaya'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maqaan Yesusii garuu yeroo kamiin caala'attuu ni dhagayame, namoonni baayi'een'llee waan inni jedhu dhagayuu fi dhibee isaanii irraa fayyu'uuf'llee barbaadanii, wol ni gayan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte.