Luke 5:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa toko, ato inni nama barsiisu jiru, Farisayoofi jari Seera beekhu ka olla ch'ufa ka Galilayatiifi ka lafa Yahuditiifi dira Yerusalemule d'ufe woliini tataani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa tokkoo, adoo innii nama barsiisuu jiruu, Fariisootaa fi jarii seera beekuu ka ollaa cufaa ka Galiilaa, ka lafa Yihudaatii fi dira Yerusaalemillen dhufee waliin tataa'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiila'aatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yerusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yeruusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko Yesus uduma barsiisa'aa jiru worri Farisootaatii fi barsiisonni seeraa'llee isa bira ta'anii jiran ture, isaan'llee Galiila'aatii fi gandoota Yihuda'aa maraa, akkuma kana magaalaa Yerusaalemiitii'llee ka dhufan ni jiran ture. Yesus dhukkubsatoota ka ittiin fayyisu humnniti Goofta'aa, isaan woliin ni jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiiyyu.