Luke 5:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni hoboloota lamaan qarqara abbaayya'aatti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hobolo lama galaana birati arge; ammo guurtuuni qurt'umi yayu t'urura d'iqachu d'at'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii hoboloo lama ka guurtuun qurxummii keessaa yaatee xuruuraa dhiqachuu dhaxxe galaana biraatti arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaballan lamaan qaccee galaanaa dhaabatan arge; worri qurxummii qaban ammo yabala ufii keessaa bayanii siiboo ufii miica'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yabaloota lamaan qaccee galaanaa dhaabatan argee; worri qurxummii qaban ammoo yabala ufii keessaa bayanii siiboo isaanii miica'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee gara hundda garba ciisa'aa biratti dhiyaatanii ka dhaabatan, hoboloowwan lamaa ni arge, qurxummii qabddoonni garuu hoboloowwan irraa bu'anii, tabbaarriiwwan isaanii ni miican ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya'aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu.