Luke 5:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettannu” jedhee, namicha laashoweeruun, “Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini aka Ilmi Nama lafa tana keesati humna dabaani nama araaramuuni qabu isani garsiisa. Duuba inni namicha kokotae kaaniini waan jed'e, Waan anini siini jed'u, kai, wosaasa tante fud'ad'u, mana keetiti gali.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo akka anin ilmii namaa lafa tana irratti cubbuu namaa araaramuuf humna qabuu beekaa!” jedhe. Duuba innii namicha kokottaa'e kaaniin, “Anin sitti himaa ka'ii, wasaasaa tantee fudhadhuu, mana keetti gal!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo biyya lafaatitti dhiifama cubbuu godhuuf Ilmi Namaa baallii akka qabu akka beettan» jedhee namicha laamshayaa saniin, «Ol ka'i! Itillee tee qabadhuu gara mana keetii deemi!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo biyya lafaatitti dhiifama cubbuu godhuuf, Ilmi Namaa baallii akka qabu akka beettan» jedhee, namicha laamshayaa saniin, «Ol ka'i! Itillee kee qabadhuu gara mana keetii deemi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbuu dhabamisiisu'uuf aangoo akka qabu beekuu ni qabddan!» jedhee namicha naafttichaan, «Nama nana ka'i, siree kee baadhuutii gara mana keetii deemi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe.