Luke 5:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni inni olkae, fuula worra durati wosaasa fud'ate kae mana ufiti gale Waaqa guddise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun innii olka'ee, fuula warraa duratti wasaasaa fudhatee ka'ee Waaqaa galata galichaa mana ufiitti gale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san afoo isaniititti ol ka'ee, itillee irra ciisa'aa ture fudhatee, Rabbiin galatoonfata'aa gara mana ufii deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san afoo isaniitti ol ka'ee, itillee irra ciisaa ture fudhatee, Rabbiin galatoonfata'aa gara mana ufii deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naafttichi'llee namoota duranatti bakkumatti ka'eeti, siree irra rafee ture baadhatee, Waaqa galateeffata'aa gara mana isaa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme.