Luke 5:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, “Na hordofi” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan kana Yesoni alati bahe jennaani nama damoosa guuru toko, ka maqaani isaa Lawi jed'ani, ka fulla damoosa iti guurani tau arge waan jed'eeni, Na gula kooti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achiin duuba Yesus adoo alaatti ba'ee deemuu jiruu, nama qaraxaa guuru ka Lewwii jedhan tokko adoo innii fulaa qaraxa itti guuran taa'uu argee, “Na gula kootti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus achii deemee namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus achii bayee yoo deemu, qaraacichi Leewii jedhamu, bakka qaraxa itti fuudhan taa'ee argeeniiti, «Ana horddof!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.