Luke 5:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddaa Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Lawini sagale guddo isaa d'aabe mana ufi keesati, nama heddu ka damoosa guurufi nama d'ibile sagale woliini nyaatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Lewwiin mana ufii keessatti sagalee guddoo isaa dhaabee, nama hedduu ka qaraxa guuruu fi nama dhibiillee sagalee waliin nyaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Leewwiin mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruu fi namoonni biraallee heddutu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Leewwiinillee mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruuf namoonni biraallee heddutu ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Leewiin mana isaa titti ulfinna Yesusiitiif afeerrii guddaa ni qopheesse, afeerrii irratti'llee worri qaraxan baayi'e'niif kuunniin'llee namoonni baayi'een, argamanii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddoo Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran.