Luke 5:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hobolo toko ta Simoni seene, Diqo lafa ira bisaani keesa hiisi jed'eeni. Inni hobolo keesa tae biyya barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan hoboloo Simoon keessa seenee Simooniin, “Hoboloo tana diqqoo lafa irraa bisaan keessa hiissi” jedheenii, hoboloo keessa taa'ee biyya barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yabala Simoonii keessa seenee lafa irraa diqqoo gara galaanaa keessa akka siissu isa kadhate. Achiin maayii Yabalattii irra taa'ee banii barsiisa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yabala Simoonii keessa seenee, Lafa irraa diqqoo gara galaanaa keessa akka siissu isa kadhate. Achiin maayii Yabalattii irra taa'ee Banii barsiisa'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee hoboloowwan keessaa gara takkati'ii gara ka Simoonii taatee irra ni baye. Simooniin'llee, «Hoboloo kana arddii lafa gara garba ciisa'aa muraasa naa hiissi mee!» ni jedheen. Kanaan duubatti'llee hoboloo irra taa'ee, ummata barsiisuu, jala ni qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise.