Luke 5:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, “Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?” jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayoofi jari Seera beekhuleeni waan jara isaa gungumani waan jed'ani, Isani maalifi worra damoosa guurufi worra daba woliini nyaattani d'uddani? jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fariisotaa fi jarii seera beekuulleen waan jara isaa gungumanii, “Isan maaliif warra qaraxaa guuruu fi warra cubboollee waliin nyaattanii dhuddan?” jedhani gaafatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fariisootaa fi worra isaanii ka ta'an barsiisonni seeraa, «Worri qaraacotaatii fi worri cubbamootaan woliin nyaattanii fi dhugiddan waayee maali'iitiif?» jedhanii, barattoota Yesusii irratti ni guunguman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?» jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane.