Luke 5:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti gariin Yesuusiin, “Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan isaani jed'e, Ergattu Yohanatiifi ta Farisayooleeni maro heddu ufi agabsite Waaqa kad'atti, ammo ergattuuni tante nyaatte d'uddi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii isaanii, “Ergmtootii Yoh. aannisitii fi ta Fariisotaalleen marroo hedduu ufi agabsiteetti Waaqaa kadhatti, ergamtootii tantee ammoo nyaattee dhuddi” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni gariin Yesuusiin, «Darasoonni Yohaannisii hennaa hedduu sooma'aa Waaqa kadhatan. Darasoonni fariisotaallee akkasuma godhan; darasoonni tee ammo hin nyaatan, hin dhuganille'e» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni gariin Yesuusiin, «Darasoonni Yohaannisii hennaa hedduu sooma'aa faateffatan. Darasoonni fariisotaallee akkasuma godhan, darasoonni tee ammoo hin nyaatan, hin dhuganille'e» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni tokko tokko Yesusiin, «Ergamittoonni Yohaannisiitii fi Fariisotaa yeroo baayi'ee ni sooman, ni kadhatan'lle'e, ergamittoonni keessan garuu yeroo maraa ka nyaatanii fi ka dhugan maali'iif?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti gariin Yesuusiin, «Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan» jedhane.