Luke 5:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Dandeetani keessuma fuud'a agabsitani hojja abbaani fuud'a achi jiru? Hiyyo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Yo abbaan fuudhaa achi jiruu keessumaa fuudhaa agabsuu indandeettanii? Hiyyoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana jedhee isaanii deebise, «Uduu idaayyaan isaan woliin jiru worra jaalaa soomsisuu dandeettuu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee Idaayyaan isaan woliin uduu jiru; «Worra jaalaa soomsisuu dandeettuu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ka fuudhu uduu isaan woliin jiru, jaalonni soomuu ni qaban jettanii ni yaaddanii ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu!