Luke 5:36 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, “Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni mammaasa kanale worrati hime waan jed'e, Nami woya hareeti tarsaase woya dullatiti erbu injiru. Yo inni akasi tolche, inni woya haraa tarsaasa, haraafi dullatiini woli ind'at'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus mammaassa kanaallee warratti himee, “Namii wayaa haareettii tarsaasee wayaa dullattiitti erbu hinjiru. Yo akkas tolche, wayaa haaraa tarsaasa, wayaan haaraa fi dulattiin wal hindhaxxu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. «Namni xaaqaa haarawa uffata moofaa irratti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabee hodhe ammo haarawa tarsaasa; xaaqaan haarofni ammo moofa'aaf hin tolu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. «Namni xaaqaa haarawa uffata moofaa irratti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabee hodhe ammoo haarawa tarsaasa; xaaqaan haarofni ammoo moofa'aaf hin tolu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Itti'llee aanssee Yesus, akkana jechu'uun fakkeenna tokko isaanitti ni hime, subbee uffata haarawaa uffata moofaa irratti ka hodhu eennu'llee hin jiru, kana yoo raawwate garuu uffata haarawa ni tarsaasaan, subbeen haarofnni uffata moofa'aan wolii hin gallu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, «Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu.