Luke 5:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin baayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‘Ta baate woyya’ jedha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle nami farso turte d'uge ka farso haraa hojuma suni fed'u injiru; inni, Ta turte suniti ira dansa jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee namii daadhii turtee dhugee daadhii oowwituu yoma sun fedhu hinjiru; innii, ‘Ta turte suniitti irra dansaa’ jedha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni daadhii woyini'ii ka baye haga dhugeen maayii ka hin bayin dhuguu barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ka baye woyya› waan jedhuuf» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni daadhii woyni'ii ka baye haga dhugeen maayii ka hin baayiin dhuguu ka barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ka baye woyya› jedha» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo baayi'ee ka ture daadhii woyinni'ii gogeettii ka dhuge, daadhii woyinni'ii ta hin gogin dhugu'uuf hin barbaadu, ‹daadhiin woyinni'ii ka ture, ka irra woyyaa qabu› ni jedhaa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin bayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ta baate woyya› jedha» jedhe.