Luke 5:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, “Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi buufannaani inni waan Simoniini jed'e, Hobolo wod'aka bisaaniti hiisi, t'urura buusi aka qurt'umi qabatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbii buufannaan Simooniin, “Hoboloo wadhakkaa bisaaniitti hiissi, akka qurxummii qabattan xuruuraa buusi” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga dubbii ufii fixateen maayessa Simooniin, «Gara bisaan xiilla'aa sissiitii, qurxummii qabu'uuf siiboo keessan gad darbaa'a» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga dubbii ufii fixateen maayessa Simooniin, «Gara bisaan xiilla'aa sissiitii, qurxummii qabu'uuf siibota keessan gadi darbaa'a» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haasaya isaa eega xumureen duubatti'llee Simooniin, «Hoboloo gara garba ciisaa gad fago'oo achi fageessii atii fi waaheloonni kee qurxummii qabu'uuf, tabbaarrii keessan darbadhaa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a» jedhe.