Luke 5:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wahela worraa ka hobolo d'ibi keesa jiru harkaani yaamani, Nu qarqaara jed'aniini. Worri d'ufe hobolo lachu qurt'umiini guute hobolooni diquma illit'iini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaheloota warraa ta hoboloo dhibii keessa jirtu harkaan yaamanii, “Nu qarqaaraa” jedhaniin. Warrii dhufee hoboloo lachuu qurxummiin guutee, hoboloon diqqumaa hinlixin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hiriyyoonni isaanii worri yabala biraa keessa turan dhufanii akka isaan gargaaran harkaan haatatan. Isaanillee dhufanii yaballan lamaanuu haga liqimfamuu gayutti guutan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hiriyyoonni isaanii worri yabala biraa keessa turan dhufanii akka isaan gargaaran harkaan haatatan. Isaanillee dhufanii yaballan lamaanuu haga liqimffamuu gayutti guutan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf waaheloota isaanii ka hoboloo bira'aa irra turan dhufanii akka isaan gargaaraniif ijaan isaan ni waaman, isaan'llee dhufanii haga hoboloowwan lamaan liqimfamu'uuf muraafnni isaan hafutti, qurxummi'iin isaan ni guutan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane.