Luke 6:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, “Namichaan harka keeti diriirfadhu” jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra mimillate waan nama kaaniini jed'e, Harka kanke diriirfad'u Namicha harka diriirfate jennaani fayye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra lalaalee nama kaaniin, “Harka kankee diriirfadhuu” jedhe. Namichii harka diriirfatee jennaan fayye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus gara namoota isa marsanii laalee namichaan ammo, «Harka kee diriirsi» jedheen. Inni harka ufii hin diriirse; harki isaallee akkuma harka kaanii fayyaa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus gara namoota isa marsanii laalee, namichaan ammoo, «Harka kee diriirsi» jedheen. Innillee harka ufii hin diriirse, harki isaallee akkuma harka kaanii fayyaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus gara namoota naannoo isaa jiran maraa eega laaleen duubatti namicha harka naafttichaatiin, «Harka kee diiririssi!» jedheen. Inni'llee harka isaa yoo diriirssetti, ni fayyeef, akka harka kaanii'llee ni ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye.