Luke 6:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee ergantoota jedhee moggaase.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti bariinaani jara ufi yaame, nama kud'ani lama keesaa fohate maqa ergattu baase:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laftii bariinaan jara ufii yaamee, nama kudhanii lamaa keessaa foohatee, maqaa warraa ergamtoota jedhee baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, «Ergamtoota» jedhee maqaa isaanitti baase.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee, Isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, Ergamoota jedhee maqaa isaanitti baase.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo bari'etti'llee barattoota isaa gara isaa ni waame, isaan keessaa'llee kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.