Luke 6:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni worra woliini gabue ballinna lafa keesa jara ufi heddu woliini eje. Ammalle gumi guddo ta Yerusalemutiifi ta lafa afaani galaana Tirotiifi Sidoniti d'ufte, aka dubbi isaa d'ageete d'ukuba fayyituti isa woliini jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warra waliin gaara irraa gad bu'ee diida tokko keessa jara isaa ka hafeellee waliin ejje. Ammallee gumiin guddoon muummee hinqabne ta Yerusaalem, ta lafa afaan galaana Xiroosii fi Sidooniilleen akka dubbii isaa dhageettee dhukkuba fayyituu gara isaa dhufte,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf, dhibee ufii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuuda'aa maraa, Yerusaalemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddu turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuudaa maraa, Yeruusaaleemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddutu ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus ergamittoota isaa woliin gaara irraa bu'ee raasaa irra ni dhaabate, barattoota isaa keessaa'llee baayi'eewwan achi ni turan, akkuma kana isa dhageeffachu'uu fi dhukkuba isaanii irraa'llee fayyu'uuf barbaadanii ka dhufan, ummanni haalaan baayi'e'ee ni turan. Isaan'llee ka dhufan arddii Yihuda'aatii magaalaa Yerusaalemiitii, garba ciisaa biratti ka argaman, magaalota Xiiroosiitii fi Sidoonaaitti turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti;