Luke 6:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fariisaayoti gariin, “Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?” jedhanee gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayooni gari waan worraani jette, Isani maalifi waan Seeri keenna d'owu guyya Sabato tolchitani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan fariisotii garii, “Isan maaliif waan seerii keenna dhowwuu guyyaa Sanbata tolchitan?” Warraan jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fariisota keessaa namoonni gari gariin, «Isin maaf waan guyyaa Sambataatiin godhamuun hin malle gootan?» jedhanii isaan gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fariisota keessaa namoonni gari gariin, «Isin maaliif waan guyyaa Sambataatiin godhamuun hin malle gootan?» jedhanii isaan gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fariisota keessaa tokko tokko barattoota isaatiin, «Guyyaa Sanbbataatiin raawwatamuu waan hin malle, maali'iif raawwattan?» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fariisaayoti gariin, «Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?» jedhanee gaafatane.