Luke 6:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee, “Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a; mootummaan Waaqaa teessan!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni jara ufi millate waan jed'e, Ayyaana keesani hiyyeeyi: Finni Waaqa keesani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus jara ufii millatee, “Gammadaa isan warrii hiyyeeyyiin, Mootummaan Waaqaa teessanii!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni gara darasoota ufii laalee akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee gara darasoota ufii laalee, akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee ol jedhee gara barattoota isaa laala'aa akkana isaaniin jedhe, Mootummaan Waaqaa teessaniitii, isin hiyyeesonni ka eebbifamittan!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee, «Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a; mootummaan Waaqaa teessan!