Luke 6:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrasitee gurra isin balleessite, gammada'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaana keesani hojja nami isani jibbe gusse arabse, maqa keesani aka waan hamtu alati gatu, maro Ilma Namatiifi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo namii marroo maqaa ilma namaatiif jedhee, isan jibbee, isan gussee, isan arrabsee, maqaa keessaniillee waan hamtuun balleesse isan la badhatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi yoo maqaa hamaa isinitti baasan, isin worra eebbifame!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Sababaa ana ilma namaatiin namoonni yoo isin jibbanii, isin yoo fooyan, isin yoo xureessanii fi maqaa keessan yoo balleessan'llee, isin ka eebbifamittan! «
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrassitee gurra isin balleessite, gammada'a!