Luke 6:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani ammoo isin worra ana dhageettanuuf hima: Diina keessan jaalladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan anini isani ka d'ageetaniini jed'u, Nyaapa keesani jaalad'a, nama isani jibbu waan dansa tolcha,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus itti dabree, “Ammoo warrii na dhageettaan waan anin isanitti himuu, ‘nyaapha keessan jaaladhaa, nama isan jibbuu waan dansaa tolchaa’ isaniin jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Haa ta'uu ammo isin worra na dhageettaniif akkana jedha. Diintota keessan jaaladhaa'a; worra isin jibbuuf waan mishaa godhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo isin worra na dhageettaniif akkana jedha. Diinota keessan jaaladhaa'a, worra isin jibbuuf waan mishaa godhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin worra ana jalaa dhagayuuf garuu akkana isiniin ni jedha, diinota keessan jaaladhaa, worra isin jibbuuf'llee waan mishaa isaaniif raawwadhaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a.