Luke 6:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nama waan dansa isani tolche waan dansa tolchitani eeba tami argattani? Nami daba qabuleeni akasuma tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo nama waan dansaa isanii tolche callaa waan dansaa tolchitan eebba tam argattan? Namii cubbichiilleen akkasuma tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra waan mishaa isinii godhee yoo waan mishaa gootan galata maal qabdani? Cubbamtoonnillee akkasuma waan godhaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra waan mishaa isinii godhee, waan mishaa yoo gootan, galata maal qabdani? Cubbamoonnillee akkasuma waan godhaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waan mishaa worra isinii raawwataniif isin'llee waan mishaa isaaniif yoo raawwattan, caalimaya maal argattan! Cubbamoonni'llee akkuma kana ni raawwatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan.