Luke 6:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ammoo diinota keessan jaalladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nyaapa keesani jaalad'a, waan dansa tolchaafi; ergisaafi, ammo woma iraa ineegatiina. Duuba waan guddo argattani, ilmaani Waaqa Gubba Jiru taatani. Wonti akanatiifi inni worra galata imbeenneefi worra dabale inahafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ammoo nyaapha keessan jaaladhaa; waan dansaa tolchaaf; liqeessaaf; ammoo homaa irraa hineegatinaa! Duuba waan guddoo argattanii, ilmaan Waaqaa guddaa taatanii, maaliif innii warra galata hinbeennee fi warra cubbooleellee in na'aaf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin garuu diintota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'aa; Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galatoonfannee fi worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin garuu diinota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'a. Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galateeffanneef, worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu diinota keessan jaaladhaa! Waan mishaa'llee isaaniif raawwadhaa, harka keenna nutti fakkaata jettanii abddii uduu hin taasisin liqeessaa, kana yoo taasfttan gatiin keessan guddaa ni ta'a, ijoollee Waaqa Jiraata'aa'llee ni taatan, inni worra galata dhabeeyyi'ii fi hamaaleyyi'iif'llee uduu hin hafin arjja'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a.