Luke 6:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wa namaa kenna, Waaqileeni isanii kenna: waan gamiich'ani, ka humnaani, ka iraani dambalaa, harka keesaniti naqani. Akuma isani namaa biimitani akasuma isanii biimani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wa namaa kennaa, Waaqiilleen isanii kennaa; waan kiila dansaan gad miicaanii safaraanii sullee irraan dambala'aa harka keessanitti naqan. Homa isan namaa safartaniin isaniillee safaraan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kennaa'a; isinii kennamaa. Waan isin ittiin safartaniin isiniillee safaramaa. Safartuu akka misha'atti itti gad qabamee sochoofamee guuttameen haga isin baadhachuu dandeettanitti isinii kennama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kennaa'a, isinii kennamaa. Waan isin ittiin safartaniin isinniillee safaramaa. Safartuu akka misha'atti itti gadi qabamee sochoofamee guuttameen haga isin baadhachuu dandeettanitti isinii kennama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kenna, isiniif'llee ni kennama, safarttuma ittiin safarttaniin akkuma kana isiniif'llee ni safarama, gonkumaa safarttuu misha'aan gad qabameetii fi gad tumamee, haga irraa hafutti safaramee, isiniif ni kennama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.